Leenjiin Paartii fi Konfiransiin Gamtaa Paartii Biiroo keenyaa geggeeffame.

  • 20 Feb 2026
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Guyyaa har'aa Gamtaan Paartii Biiroo keenyaa Qophii Filannoo Bara 2018 ilaalchisee mata dureewwan adda addaa irratti leenjiin miseensotaaf kan geggeeffame yoo ta'u, mata duree dhiyaate irratti gaaffii fi yaadonni gara garaa mana keessaa ka'uun mariin bal'aan geggeeffamee jira.

Haaluma walfakkaatuun waaree booda konfiransiin Gamtaa Paartii Biiroo Keenya kan kurmaana 2ffaa haala hoo'aan kan geffeeffame yoo ta'u, waltajjii kana irratti argamuun Hooggantuun Biiroo keenyaa Eng. Helen Taammiruu ergaa dabarsaniin, Filannoon marsaa 7ffaa bara 2018 akka biyyaatti taasifamu egeree biyya keenyaa kan itti murteessufi bu'uura Dimokraasii fakkeenya Afrikaa ta'e kan ittiin dhugoomsinu waan ta'eef, Miseensonni hundi Filannoon kun Nagaya,Bilisa,Haqa qabeessaa fi fudhatamaa akka ta'u gahee mataa isaanii akka bahan ergaa dabarsanii jiru. Akkasumas raawwii hojii paartii hanga kurmaana 2ffaa jiru ilaalchisee cimina jiru itti fufsiisuufi hanqinoonni adda bahan kurmaanota itti aanan keessatti akka furamu kallattii kennuun sagantichi milkii ol'aanaan xumuramee jira.