Buufatni Konkolaataa Qindaawaa Madda Carraa Hojii ,Sinboo magaalaa fi Utubaa Dinagdee Biyyaati!

  • 24 Feb 2026
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Projektiin Buufata Konkolaataa Qindaa'a Magaalaa Fiichee bal'ina lafa heektaara 5.07 ol irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta'u, Buufatni konkolaataa kun tajaajiloota hedduu (iddoowwan daldalaa, kaafteriyaa, kutaa yaala jalqabaa, baankii fi kkf ) iddoo tokkotti kennuu kan danda'uudha.

Pirojektii kana bara 2018 yeroo fi qulqulina barbaadamuun xumuruun tajaajila hawaasaaf olchuuf pirojektoota gurguddoo BDLO hojjachiisaa jiru keessaa isaa tokkoodha.