Gaaffii hawaasni pirojektoota daandiidhaan wal qabatee qabu duraa duubaan deebisuuf ni hojjatama

  • 16 Feb 2026
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Hooggantuun Biiroo Daandiiwwaniifi Loojestikii Oromiyaa Injinar Heelan Taammiruu gaffilee miseensota caffeerraa dhimma daandii irrattti ka'aniif deebii kennaniin, pirojektoota garaagaraa sababa adda addaatiin harkifatan xumursiisuun tajaajilaaf banaa taasisuuf kan hojjetamu ta'uu ibsanii jiru. Keessattuu Pirojektoota Aspaaltii Sadarkaa Fedraalaatti hojjatamaa jiru kanaan dura sababa rakkoo mirga kabachiisa daangaa,qaala'iinsa meeshaa,rakkoo nageenyaa,humna dhabuu kontiraaktaraafi kkf harkifachaa turan hiikuuf qaamolee dhimmi ilaalu hunda wajjiin qindoominaan hojjatamaa kan jiru ta'uu kaasanii jiru.

Gaaffiwwan Suuphaa daandii wajjiin wal-qabatee ka'e ilaalchisee kanaan dura komii suphaa daandii idlee ka'aa ture riiformii gara garaa fi sirna deeggarsaa fi hordofffii geggeeffamaa tureen kan hiikame yoo ta'u, rakkoo suphaa Daandii SWDB jiru hiikuuf immoo Biiroon keenya hojii sadarkaa biyyaatti fakkeenyummaa guddaa qqbu, Fandii Daandii Naannoo hundeessuun akkasumas hirmaannaa ummataafi baajata aanaatin daandiin hedduun suphamaa kan jiru ta'uu bal'inaan ibsanii jiru.

Kana malees dhimmoota gaaffii ummataa ta'anii caffee darbe irratti ka'aa turan hiikuuf, bara kana Daandii Aspaaltii 1, Daandiwwan cirrachaa 4, Riqaalee sadarkaa Naannoofi Godinaa 52 baajata haaraa argameen hojjatamaa kan jiru yoo ta'u, gaaffiiwwan fedhii pirojektoota haaraa wajjiin walqabatee dhiyaatees, haaluma walfakkaatuun bara baraan deebi'aa kan deemu ta'uu ibsanii jiru.

Walumaagalatti deeggarsaafi hordoffii miseensonni caffee hojiiwwan daandiifi loojistikii sadarkaa sadarkaan jiru milkeessuuf taasisaa jiran galateeffachuun, qabeenya daandii akka Naannoo keenyaatti 62,000km ol jiru kunuunsuufi bulchuuf deeggarsi qaama hundaa akka barbaachisu waltajjii caffee irratti yaamicha djiyeessanii jiru.